Tuesday, April 19, 2016

Weebsaayitii akkamiin qopheessuun danda’ama?


Weebsaayitii akkamiin qopheessuun danda’ama?



Maddi suuraa: http://www.twigghowto.com


Yeroo amma nuti irra jirru yeroo odeeffannoo ta’eera. Odeeffannoo kana immoo karaa ittiin wal jijjiiran keessaa inni jalqabaan marsariitii yookiin weebsaayitii (‘website’) dha. 

Adeemsa odeeffannoo waljijjiiru kanaa keessatti weebsaayiitii qopheessuun ga’ee ammana hin jedhamne taphata. Addunyaa kanarra baay’inni marsariitota biiliyoona lakka’amuurra ga’eera. 
Gaaffiin guddaan marasariitii qopheessuun amma kanatti hin cimaa isa jedhu ta’aa? Deebiin isaa ‘eeyyee’ fi ‘lakki’ ta’a. Gaaffii kana deebisuuf marsariitii akkamii qopheessuu barbaadda kan jedhu beekuun dirqama ta’a. 
Mee walumaa galatti maloota kanaa gadiitti ramadnee akkamiin qopheessuun akka danda’amu haa ilaallu.
1. Sooftweerii ijaarasa weebsaayitii (‘Website buliding tools’) fayyadamuun
2. Ijaartuu marsariitii Interneetarraanii(‘Online Website Buliding Tools’) fayyadamuun
3. Biloogii fayyadamuun
4. CMS ‘Content Management System’ fayyadamuun
5. Koodii kompiiwteraa (‘Hand Coding’fayyadamuun

Bifi ittiin asii gadi tarreesse cimina fi beekumsa malooti kunniin barbaadan irratti hundaa’eeni. Tokkoon tokkoon isaanii bifa salphaan ibseera. Akkaataa ittiin gochuun danda’amummoo tokkoon tokkoon isaaniif isiniin barreessa, dhihootti eeggadhaa.

1. Sooftweerii ijaarasa weebsaayitii fayyadamuun

Malli inni kun mala yeroo nuti moosaajota gabajee WYSISYG(‘What You See Is What You Get’) jedhaman fayyadamuun marsariitii baay’ee babbareedoo ittiin qopheessinu dha. 

Moosaajiileen kunniin bifa baay’ee salphaa ta’een, ogummaan koodii kompiiwteraa osoo hin qabatiin marsariitiilee mataa keenyaa akka nuti qopheeffannu nu godhu. Mala kana irratti nuti barreefamootaa, suuraalee, viidiyoo fi sagaleewwan bifa salphaan babbareechinee koppii fi peest(“copy and paste”) gochuun qopheessina yeroo kanatti soofteeriin nuti fayyadamaa jirru sun ofii isaatiin koodii weebsaayitii kanaa nuu qopheessa. 

Moosaajoti beekamoon wantoota kanneen hojjechuuf itti fayyadamu kanneen akka Adobe Dreamweaver, Amaya, Microsoft Expression Web, NVU, KompoZer, WYSIWYG Web Bulider fi kkf dha. Namooti baay’ee Adobe Dreamweaver isa jedhamu fayyadamu. 

Suuraa: Adobe Dreamweaver

Malli kun yeroo ammaatti fudhatami isaa gadi bu’aa haa dhufaa jira. Sababni isaa weebsaayitooti bifa kanaan qophaa’an weebsaatitoota dhaabatoo(‘Static Websites’) waan ta’aniifi dha[“Maalummaa weebsayitoota dhaabbatoo baruu barbaadda taanaan odeeffannoo kanaa gadii dubbisi”]. Akka kootti mala kana yoo waan tokko jarajarsuun qopheessuun barbaachise malee mala kana hin fayyadamu.

Ramaddii Weebsaayitoota Qabiyyee irratti hundaa’uun:
Weebsaayitooti qabiyyee isaanii irratti hundaa’uun bakka lamatii qoodamu. Isaanis:
1. Weebsaayitoota Dhaabbatoo(Static Websites) fi
2. Weebsaayitoota Sossocho’oo(Dynamic Websites) jedhamu

Ø Weebsaayitooti Dhaabbatoo kanneen qabiyyeen isaanii hin jijjiiramne yookiin yeroo yerootti jijjiirama hin agarsiisne dha. Isaan kun yeroo hunda akka yeroo umamanitti ta’u. Fakkenyaaf weebsaayitoota dhaabbatootaa.
Ø Weebsaayitooti Sossocho’oon kanneen qabiyyeen isaanii yeroo yerootti jijjiramudha. Kunniinis weebsaayitoota kanneen akka facebook, weebsaayitoota oduu, biloogii fi kkf dha.


Namooti tokko tokko mala kanaa maloota kanaa gadiitti ibsaman kanneen biroo waliin walitti makuun weebsaayitoota ciccimoo, sossocho’oo ta’anii fi bifaan babbareedoo ta’an ittiin qopheessu.

2. Ijaartuu marsariitii Interneetarraanii fayyadamuun

Malli kuni mala kanaa olii waliin baay’ee wal fakkaata. Garaagarummaa inni qabu yoo jiraati wanti geggeeffamu hundi intarneetaan qilleensa irratti geggeefama. Akkuma mala kanaa olii soofteerota WYSWYG ta’anii fi kanneen intarneeta irratti fe’amanii jiran fayyadamuun bifa salphaa ta’een addyunaaf akka dhiheessinu nu godha. 

Maddi suuraa: http://startlogic.com


Mala kana fayyadamuuf jalqaba miseensa weebsaayitii sanaa ta’uu nama gaafata. Maali kun mala hundumaa caalaa saffisaa ta’eefi ogummaa kompiiwteraa adda ta’e hin barbaanne dha. Namooti baay’een maloota kanaa weebsaayitii hojjechuun uummataaf dhiheessuu waliin wal baru. Anis akka kootti jalqaba bifa kanaan weebsaayitii hojjedhe. 

Malli kun mala kanaa oliirra caalaa filatamaa kan isa godhu tajaajila kuusaa weebsaayitii qilleensarratti(‘web hosting’) fi galmeessii maqaa weebsaayitiichaa(‘web domain name registration’) of keessaatti qabatee dhufa[Maalummaa ‘Web Hosting’ fi ‘Domain Name Registration’ kanaa gaditti dubbisi]. Kan kanaa olii garuu tajaajiloota kanneen qofa qofaatti xumuruun weebsaayitii hojjenne sana gara servera(kompiiwtera weebsaayitii keenya baatu) geessuu barbaada. Garuu malli inni kun servera sana irratti waan geggeeffamuuf bifa salphaa ta’een wanta hundumaan isaa iddoo tokkotti xumuruu nii dandeenya. 

Kuusaa Weebsaayitii Qilleensarratti(‘Web Hosting’):-
Kuusaa weebsaayitii Qilleensarrattii tajaajila hundee weebsaayitii hundumaati. Tajaajila kanaan weebsaayitiin kamiyyuu erga hojjetamee dhumee booda kompiiwtera yeroo hundaa interneetii of irraa qabu irra kaa’uun, akka uummata bira ga’uu godhama. Kompiiwterri akkasii kun ofii keenyaa qophessuu yookiin immoo kanneen qophaa’amii jiran kireeffachuun nii danda’ama. Tajaajilli akkasii ‘web hosting’ jedhama. Tajaajilli kun tolaanis ta’e kaffaltiin jira.
Galmeessii Maqaa Weebsaayitii(‘Domain name register’):-
Tajaajilli kun maqaa weebsaayitii keenyaa galmeessissun akka addunyaan bifa salphaa ta’ee weebsaayitii kenya argatu gochuu dha. Kompiiwterri hundi IP(‘Internet Protocol’) mataa isaa qaba. IP’n karaa itti kompiwterri walii walii isaa adda ittiin baafatu dha. Innis fknf: 198.163.2.150 fakkaata. Garuu gatii lakkoofsota kanneen sammuutti qabachuu rakkisaa ta’eef bifa salphaan maqaa masoo yaadatamuu danda’u lakkoofsa kana bakka buusnee itti fayyadamuun  salphisuun nii danda’ama. Kanaaf haga IP 198.163.2.150 naa bani jennu, salphaan maqaa masoo laanneef sana fknf www.maqaa.com barreessuun argachuun nii danda’ama. Kanaafuu tajaajilli kun bifa armaan oliin weebsaayitii kamiyyuu keenya argachuu akka dandeenyu nu godha. Tajaajilli kun kaffaltiin argama. Garuu cita-maqaa ‘Subdomain’ tola argachuun  nii danda’ama. 
Hubachiisa:- Koompiwtera kee deebistee waamuu yoo barbaadde IP ati ittiin waamtu 127.0.0.1 dha. Dabalataanis ‘localhost’ IP kenname kanaa waliin tokkodha.

 Qaamoleen tajaajiloota akkasii kanaa olii kennuu beekaman keessaa muraasi: hostgator.com, goda


Qaamoleen bebbeekamoon tajaajiloota akkasii kennuun beekaman: Weebly, Wix.com, Yola, Squarespace, Webnode, Sitebuilder, Format fi kkf dha

Wix.com: http://www.wix.com
Wix.com weebsaayitii ittiin weebsayitii babbareedoo ittiin qopheessuun danda’amu keessaa isa beekamaadha. Jalqaba iimeelii, jecha-darbii fi maqaa keenyaa galchuun erga miseesa weebsaayitii sanaa taane booda haala salphaa ta’een weebsaayitii keenya ijaaruutti seenna. Muuxannoo koodii kompiwteraa nama hin gaafatu. Isa booda gaafa ijaarree fixnu maqaa weebsaayitii keenyaa akkas ta’a, http://www.maqaaweb.wix.com ta’a. Mala kanaan daqiiqaa muraasa keessatti weebsaayitii keenyaa addunyaaf gadhiisuu ni dandeenya. 
Maddi suuraa: http://dvbuwo6pk5cmq.cloudfront.net

Malli kun akkuma mala kanaa olii weebsaayitoota dhaabbatoo ta’an qopheessuuf tajaajila. Yeroo websaayitii qopheessuu irratti haaraa taate mala kan akka ati fayyadamtuuf si gorsa.

3. Biloogii fayyadamuun

Biloogiin weebsaayitii odeeffannoo mata-duree murtaa’aa ta’e irratti nuti ittiin barreessinu dha. Addunyaa oddeeffannoo har’aa keessatti madda odeeffanno guddaa ta’uun beekama. Biloogiin yeroo baay’ee weebsaayitoota hawwaasummaa waliin wal qabsiifamuun lafee dugugguruu dugdaa interneetii ta’uun tajaajila. Mala kuni yeroo baay’ee gaazeexistootaa, falamtoootta mirga namootaa, xiinxaltoota fi kkf tiin fayyadamama.

Malli kun akka mala lakkoofsa lammaaffaa irratti ibsameetti ta’ee kan ittiin immoo odeeffannoo yeroo yeroo, akkuma facebook faa, ittiin gadu dhiisuu dandeenyu dha. Mali baay’inaan bifa tola ta’een hawaasaaf dhihata. Malli inni kun weebsaayitoota sossocho’oo ta’an uumuun kan ittiin danda’amu dha.

Biloogiin yeroo barreessinu waa’ee iddoo kuusaa faayilaa fi maqaa weebyitii keenyaa galmeessisuuf(‘Qaamoleen kana faallessan jiraatanus’) yaada’uun hin barbaachisu. Baay’een isaanii tajaajila kanneen ofii isaa nuu xumuru.

Qaamoleen beekamoon tajaajiloota akkasii beekaman: Blogger(‘Kan Google’), Wordpress.com, HuffingtonPost, fi kkf fa’i.

Blogger(Blogspot) - http://www.blogspot.com
Blogger qaama Google keessaa isa tokko ta’ee tajaajila biloogii tola kennuun beekama. Bifa kanaan maqaa biloogii keenyaa filachuun kallatiimaan gara biloogii keenya barreessuutti seenuun nii danda’ama. Teessoon biloogii keenyaas http://maqaabiloogii.blogspot.com ta’a jechuu dha. Fakkeenyaaf biloogiib koo http://natolwd.blogspot.com dha. Blogspot dabaltaan maloota ittiin fayydamtoota hirmaachisan kanneen akka yaada kennuu, hiriyootaaf hiruu fi kkf of keessatti qabateera.

Maddi suuraa: http://freelancequest.com

Wordpress.com - http://www.wordpress.com
Inni kunis akkuma Blogger  ta’ee garuun qaama kan biraan dha. Kunis si’a tokko galmaa’uun biloogii mataa keenyaa banannee barreessuu akka dandeenyu nu godha.  Teessoon biloogii keenyaa yoo tajaajila tolaan ta’e http://maqaabiloogii.blogspot.com ta’a. Garuu tajaajila kaffaltii fayyadamne maqaa mataa keenyaa laachuufii nii dandeenyaf.
Maddi suuraa: http://invulu.com

Walumaa galatti mala kanaan weebsaayitii biloogii kan ittiiin odeeffannoo bifa walitti fufiisa qabuun bifa salphaa ta’ee fi saffisaa ta’een gadhiisuun nii danda’ama. 

4. CMS ‘Content Management System’ fayyadamuun

CMS(‘Content Management System’)’n siiystema kompiiwteraa kan ittiin qabiyyee weebsaayitii ittiin qindeessun uumataaf ittiin dhiheeffamuudha. CMS’n odeeffannoo isaa ofii qindeessee bifa daataabeeziin(‘database’) olkaawwata. Odeeffannoolee kanneenis siyistema mataa fayyadamuun uummataaf dhiheessa. Siiystema kana koompiiwtera keenya irratti fe’achuun tajaajila kanneen kennuu jalqabuun nii danda’ama. 

CMS fayyadamuuf jalqaba tajaajila ‘web hosting’ kan ‘database’ of keessaa qabu fayyadamuun dirqama ta’a. Isa booda CMS kana interneeta irraa buufachuun, yookiin weebsaayitooti tajaajila ‘webhost’ kennan of keessaa qabu, fe’achuun nii danda’ama. 

Malli kun dandeettii kompiiwteraa ammanatti jedhamu hin barbaachisu. Waa’ee ‘web host’, ‘domain name’ beeknaan bifa kanaan weebsaayitii dorgomaa ta’e kamiyyuu hojjechuun nii danda’ama.

Malli kun yeroo ammaa hunduumaa caalaa hojiirra oolaa jira. Weebsaayitti bebbeekamoo tajaajiloota akkasii fayyadaman gadaa.com, ebc.et, fanabc.com, weebsaayitoota yuunivarsiitiilee heduu(‘Adama University, Jimma University, Wallaga University, Ambo University, Haramaya University, fi kkf’), weebsaayitoota kaampaanota fi baankota fa’i. Hojjetooti kompiiwteraa hedduunis maamiltoota isaaniif bifa kanaan weebsaayitoota qopheessuuf. 

CMS jiran keessaa bebbeekamoon Wordpress, Joomla, Drupal, Liferay fi kkf muraasa dha.
Wordpress
Wordpress CMS jiran keessaa hunda caalaa kan namoota baay’een itti fayyadamani dha. CMS kun al tokko weebsaayitii keenya irratti fe’annaan ijaarsa weebsaayitii keenyaa nuu xumuree qindeessuu weebsaayitii keenyaaf nu eega. Weebsayitooti bebbeekamoo kana fayyadaman: gadaa.com, qubegeneration.org, bekangulumma.org, haromaya fi kkf dha.
Hub:- Wordpress inni kun isa jalqaba ibsameerraa adda. Inni gubbaatti ibsame weebsaayitii dha. Inni kuni immoo sooftweerii interneetii dha.

Joomla
Joomla’n biyya keenya keessatti CMS itti fayyadamaan bakka olaana qaba. Keessattuu ijaarsa weebsaayitoota yuunibarsootaa keessatti ga’ee olaanaa qaba. Weebsaayitooti biyya keessaa joomla fayyadaman kanneen kan: Wallaggaa Yuunibarsiitii, Amboo Yuunibarsiitii, Maqalee yuunibarsiitii, Haroomayaa Yuunibarsiitii, Temarinet.com, fi kkf dha.

Drupal
Drupal biyya keenya keessatti dhageettii olaanaa qabachuu baatulle karaa nageenya weebsaayitiif baay’ee filatamaa dha. Qaamolee kana fayyadaman: Jimmaa Yuunibarsiitii fa’i.


Malli kun haguma gaarii  ta’e ittin fayyadammiin isaa daangaa qaba. Akka barbaanne wanta barbaanne itti dabaluu hin dandeenyu. Wanta haaraa itti dabaluuf dirqama ‘plugin’ ykn ‘module’ interneeta irra barbaaduu yookiin koodii ofii keenyaa barreessun ofii keenyaa qopheessuun dirqama taati. Garuu yeroo baay’ee wantoota barbaachisoo of keessatti guutattee dhufa.

Ani akka kootti yeroo baay’ee Joomla fayyadama.


5. Koodii kompiiwteraa (‘Hand Coding’) fayyadamuun


Maloota kanaa olitti ibsaman hundumaan isaatiif hundeen mala isa kana dha. 
Koodiin kompiiwteraa hundee ijaarsa weebsaayitti kamiitii. Malli kuni beekumsa kompiiwteraa qabaachuu nama gaafata. Mala kanaan weebsaayitii barbaanne, akka barbaanneen hojjechuun nii danda’ama.

Hundumaa caalaa kan cimuu fi meeshaalee kanaa olitti ibsaman hedduu isaanii kan ittiin qopheeffamu dha.

Yeroo mala kanaan weebsaayitii qopheessinu koodiileen kompiiwteraa addaa addaa walitti makuun qopheessina. Koodiileen kunneenis: HTML, CSS, PHP, JavaScript fi MySQL dha. Namooti biroon immoo dabalataan ASP.NET, Python, fi kkf nii fayyadamu.

 Malli kuni mala ittii weebsaayitooti bebbeekamoon kan akka facebook.com, twitter.com, google.com, fi kkf kanneen biroo ittiin qophaani dha.

Fakkeenya barreefama kanaa qadii ilaali:
<html>
<head>
<title>Maqaa Fuula keetii</title>
<style>
.mataa{
color: green
}
body{
background-color: #000000;
padding: 50px;
}
</style>
<script type=”text/javascript”>
Alert(“Baga nagaan dhufte!”);
<script>
<head>
<body>
<h1 class=”mataa”>Mata duree</h1>
<?php
$user = “Jote”;
if($user == “Jote”){
Echo “Baga nagaan dhufte”. $user;
}
else{
echo “Baga nagaan dhufte keessumma”;
}
?>
<p>Kun qabiyyee fuula kanaati. Asitti barreefama</p>
<body>
</html>

Koodii iskiriiptii kanaa ol barreeffame keessatti walitti makiisa koodii iskiriiptii addaa addaatiin fuulli salphaan barreefame. 

Walumaa galatti maloota kanaa olitti ibsaman kanneen fayyadamuun weebsaayitoota fedha keenya nuu guutan qopheessuun nii danda’ama.
Yeroo dhihootti ibsa babal’aa tokkoon tokkoon isaaniif qabadheen isinii dhihaa dh. Ammasitti nagaatti.

Yaada yoo qabaattan:
Iimeelii: jtljlm3@gmail.com
Bilbila: +251917653400 irratti na argachuu dandeessu.

1 comment:

  1. yanii kee bayee garidhaa websiti yaluuf jedheen turee garuu degersaa nama waan naa barbachisuuf yadaa naaf qodii websitii mana murtii Aana SIBUU SIREE na degerii

    ReplyDelete