Saturday, April 2, 2016

Ubuntu operatiing system, Windows 10 operating system waliin fayyadamuun danda'ameera.


Akkam ooltan? Har'a oduu nama gammachiisu isinii qabadhee dhihaadheera. Ubuntu operating system, Windows 10 irratti akka fayyadamuu dandeenyu quba qabduu?


Akkuma beekamu Windows fi Ubuntu kompiiwtera tokkorratti waliin fayyadamuu yoo feene jalqaba isa tokko feenee isa kan biraa immoo virtual machine kanneen akka virtualbox fi VMWare irratti fe'achuu qabna yookiin bifa 'dual boot' tiin fe'achuu qabna turre.

Kanaan booda bifa kanneen armaa oliitti mataa cabuun hin barbaachisu. Akkuma beekamu Ubuntu'n Linux operating system baay'ee beekamaa ta'ee fi hayyoota kompiwteraa biratti baay'ee jaallatamaa ta'edha. Yeroo baay'ee gaafa Ubuntu fayydamnu karaa 'teminal' ajaja garaagaraa kennuun hojii garaagaraa kennuun fayyadamuun nii danda'ama. Keessumaammoo Windows irratti dabalataan ofkeessatti waan baay'ee dabalatee waan dhufuuf filatamaadha.


Maarree pirograameroonni Micrososft furmaata gaarii nuu fidanii dhufaniiru. Kanaan booda Ubuntu 14.04 LTS bash shell("salphaatti command line[teminal] isaa") karaa Windows 10 command line banachuun fayyadamuun akka danda'amu godhaniiru.
Bifa kana fayydamuunis ajajoota linux bebbeekamoo hedduutiin hojii keenya linux'rra jiru bifa salphaan Windows 10 irratti fayyadamuun nii danda'ama. Bifa kanaanis sudo apt-get install <package name> jechuun appilikeeshinoota addaa addaa fe'achuun kallattin fayyadamuus nii dandeenya. Fakkenyaaf gaafa apt-get update gochuun 'package directory' Ubuntu yeroo haarenfamu ilaalaa.


Walumaa galatti bifa kanaan Ubuntu fi Windows Koompiwtera tokko irra utuu 'virtual machine' hin fee'in yookiin 'dual boot' hin fayydamin salphaatti bakka tokkotti argachuun nii danda'ama.

Yeroo dhihootti barumsa gabaabaa akkam goonee fayyadamuu dandeenya isa jedhu irratti isiin gadhiisaati obsaa na eeggadhaa.
Galatoomaa!

No comments:

Post a Comment