Gareen 'Hacking Team' jedhamu garee hakerooka Xaaliyaaniiti. Gareen kun biyyoota uummata isaanii hacuucan kanneen akka Itoopiyaaf, Sudan, saayudi Arabiyaa fi kkf dhaaf sooftweerota basaastuu('malweers') ittiin namoota basaasanii qopheessuun, mootummoota kanneen waqliin hojjeta.
Gareen kun sooftweerii('spyware') maqaa isaa Galileo Remote Control System jedhamu kan ittiin namoota kopiwtera isaanii basaasu qopheessuun biyyoota akka Misir, Moorookoo, Biraaziil, Thaayilaand, Mexico fi kkf tti gurgureera. Salphaatti kaartaa kanaa gadii ilaalaa:
Waggaa darbe gareen kun hakeroota kan biraatiin hack ta'ee iccitiin isaa kan faayila 400GB ta'u uummatatti ifa ta'ee ture. Iccitiileen kun iimeelii jarreen hakerooti kun mootummaalee kanneen waliin haasa'anfaa of keessa qaba. Iccitiileen qondoltota mootummaa Itiyoopiyaafaas keessa jira. Waa'ee iccitiilee kanneenii dhihootti isiiniin barreessa.
Gareen kun eeyyama biyyoota 46tti 'spyware' isaa gurgurachuu qabature. Mootummaan xaailyaanii sooftiweera isaa ittiin haak godhu('spyware') akka Awurrooppaan ala gurgurachuu hin dadeenye qoqqobbii irra kaa'eera.
Mootummaan Itiyoopiyaa birrii miiliyoontaan baasee 'spyware' jara kanaan uummata akka basaasu beekamaa dha.

No comments:
Post a Comment