HTML Maali? KUTAA 1ffaa - SEENSA
HTML'n akkasitti barreefama:
<!DOCTYPE html>
<html>
<head>
<title>Asitti maqaa weebsaayitichaa</title>
</head>
<body>
<h1>Mata-duree</h1>
<p>Akkam ooltan kuni qaama weebsaayitichaati. Wanti isin argitan hundumtuu as keessatti barreefama</p>
</body>
</html>
HTML'n maali?
HTML'n gabaajee 'HyperText Markup Language' dha. HTML'n koodii kompuuteraa akka nuti marsariitii(weebsaayitii) hojjennuuf kan nu gargaarudha. HTML salphaatti biroosera, fknf Google Chrome, tiin dubbifamee wanta nuti ijaa arginuufi gurraan dhageenyuutti jijjiirama. Fakkiilee, barreeffamooti, viidiyyoo fi muuziqaaleen addaa addaa nuti arginuufi dhageenyu hundi HTML dhaan barreefamanii weebsaayitii nuuf kennu.
HTML'n dabalataan koodiiwwan kanneen akka CSS, PHP, Javascript, fi kkf waliin walitti dabalamuun caalaatti bifa nama hawwataa ta'ee fi jijjiiramaan weebpeegii uuma. HTML'n walumaa galatti lafee dugdaa marsariitii kamiiti.
HTML’n jalqaba fiizistii Tim Berners-Lee jedhamuu bara 1990 qophaa’e.
HTML’n yeroo yerootti fooyya’aa. Kunis wanta haaraa itti dabaluufi fi kanneen kanaan dura turan keessa kan barbaachisaa hin taane keessaa haquu dabalata.Sa’atii ammaa kanatti HTML’n HTML5 irra ga’eera.
Bara 1988 -- HTML 4.0
Bara 1999 -- HTML 4.01
Bara 2000 -- ("ISO HTML" HTML 4.01 irratti hundaa'e) -----Yaaddannoo internaashinaalaa argate.
2014 HTML 5
Dabalataan yoo dubbisuu feetan: https://en.wikipedia.org/wiki/HTML
-------Itti fufa---------------
Gaaffiifi yaada yoo qabaattan bakka yaadi kennamuti barreessaa.

Bareedaadha
ReplyDelete