Weebsaayitii akkamiin qopheessuun danda’ama?
Maddi suuraa: http://www.twigghowto.com
Yeroo amma nuti irra jirru yeroo odeeffannoo ta’eera. Odeeffannoo kana immoo karaa ittiin wal jijjiiran keessaa inni jalqabaan marsariitii yookiin weebsaayitii (‘website’) dha.
Adeemsa odeeffannoo waljijjiiru kanaa keessatti weebsaayiitii qopheessuun ga’ee ammana hin jedhamne taphata. Addunyaa kanarra baay’inni marsariitota biiliyoona lakka’amuurra ga’eera.


