Thursday, July 13, 2017

NATOL - Marsariitii Hawwaasummaa Afaan Oromoo

ODUU GAMMACHIISAA - NATOL

http://www.natol.xyz

Natol marsariitii hawwaassummaa('scoial media') Afaan Oromoo qophaa'ee dha. Marsariitiin kun bifa salphaa fi saffisa qabuun sabni keenya odeeffannoo akka wal jijjiiru kan dandeessisu dha.
Marsariitiin kun akkuma marsariitiilee hawwaasummaa biroo kanneen akka facebook fi twitter tajaajiloota addaa addaa of keessatti qabateera.
Marsariitiin kun keessattu kan ijoollee Oromoon qophaa'e yeroo ta'uu tajaajiloota walii galaa irra tajaajiloota faayidaa Oromoo irratti xiyyeefan kan kennu ta'a.
Tajaajilootni gugguddoon marsariitiin kun kennu keessaa muraasni

1. Maxxansa dhoobuu

Tajaajilli kun maxxansoota bifa barreefamaa fi suuraan qopheessuun fayyadamtootaa biroof hiruu dha. Yeroo bifa barreefamaan qopheeffamus odeeffannoo dhiihatu #hashtag fi hidhata addaa adda waliin wal qabsiisuun dhiheessuun nii danda'ama. Tajaajilli kunis karaa ittii odeeffannoo ofii hawwaasaan ga'an ta'a.

2. Yaada kennuu

Mala kanaan maxxansoota kamirrattuu yaada kennuu kan danda'amu dha

3. Jaalala/Jibba

Malli kun karaa ittii hordofaan fayyadamaa tokkoo yaada itti dhaga'ame bifa maxxansa isaa jaallachuu yookiin jibbuutiin agarsiisu dha. 

4. Ergaa walii erguu

Tajaajilli ergaa walii erguu kun mala ittii fayyadamtooti karaa dhuunfaa isaanii odeeffannoo itti wal jijjiiruun haasawa dhuunfaa geggeessani dha.

5. Hordoffii

Malli kun immoo karaa ittii fayyadamaan tokko odeeffannoo fayyadamaan biraa gadi lakkisu ittiin hordofuuf nama dandeessisu dha.


Tajaajilooti kanaa olitti ibsaman, tajaajiloota gugguddoo marsariitiin kun of keessatti qabatee jiru yeroo ta'u dabalataanis bifa mul'atuunis ta'e hin mul'anneen marsariitiin kun tajaajila hedduu kennuu nii danda'a.

Marsariitii kana akkamiin fayyadamuun danda'ama?

Marsariitii kana fayyadamuuf jalqaba fayyadamaan miseensa marsariitii kanaa ta'uu qaba. Miseensa ta'uuf immoo fayyadamaan kaffaltii malee(tola) unka miseensummaa guutuun salphaamatti miseensa ta'uu nii danda'a. Hidhati fuula galmee http://www.natol.xyz/m/sign_up.php dha.

Erga galmaa'ee boodas fayyadamaan iimeelii isaa mirkaneessuu qaba. Kana gochuuf gara iimeelii isaa isa jalqaba galchetti imaluun ergaa isaatti ergame irratti cuqaasuun salphaatti iimeelii isaa mirkaneessuun fayyadamuu jalqabuu nii danda'a.
Fayyadamaan akka fayyadamuu jalqabeen odeeffannoo baay'inaan argachuuf fayyadamtoota biroo hordofuun odeeffannoo argatu baay'ifachuu nii danda'a.
Tajaajilli marsariitii kanaa tola yeroo ta'u, yeroo kamittuu biyya kamittuu kan hojjetu dha. Afaanota biroonis akka hojjetuuf sochiin jalqabameera. Yeroo ammaa kanattis marsariitiin tajaajila bifa moobaayilaa akka kenutti kan qophaa'e yeroo ta'u tajaajila bifa kompiiwteraatiin akka kennuuf haldureewwan xumuramaa jiru.
Ammuma seenaa fayyadamaa jenna.

Horaa bulaa!